|
Maxxansa
Oduu, Lak. 4
Ebla 10, 2001
Walgahiin
OPDO kan dura taa’ummaa Mallasiin geggeeffamu erge jalqabee
kunoo bultii kudhan gahee jira. Mallas anatu isaan caalaa
beeka jechuun, kitaaba sana anatu barreessee kanaaf
yoo an ibseef irra galaaf jechuun, dabalees sodaa OPDO
irraa qabu irraa kan ka’ee hojii isaa dhiisee wal gahii
OPDO geggeessaa jira. Walgahichi akka silaa yaadametti
deemaa akka hin jirre odeessi naannoo sanaa bahan ni
ibsu.
Mallas
sanbataa fi dilbata osoo (Ebla 5 fi 6, 2001) addaan
hin dhaabin walgahicha itti fufee waa’ee ‘Dhiphummaa’
irratti lecture godhe. Guyyaa lama guutuu hogganoota
OPDO dhiphummaa jechuun maal akka ta’e erge barsiisee
booda amansiiseera jedhee ture. Wiixata oggaa walgahiin
itti fufu garuu kan Mallas abdate bakkaa hiiqee faallaa
isaa hogganooti OPDO guyyaa lama guutuu gaaffiin Mallas
sardan. Waggaa kudhan cufaa waan isaan gubee waxalaa
ture guyyaa lamatti of keessaa baasan. Waan Wayyaaneen
waggootii dabran hundaa ummata Oromoo irratti ifaa fi
dhoksaan raawwatte hundaa osoo hin hambisin gaafatan.
Walumaa galatti Oromummaan OPDO har’a dhalatte jechuun
ni danda’ama. Dhugaa dubbatanii bakka namatti dhi’e
buluu wayya kan jedhanis kanuma ta’a.
Gaaffiilee
fi yaada hogganootii OPDO Mallasiif dhiheessan baayyee
keessaa haga odeessa arganne armaa gaditti isinii dhiheessina.
Dhiphummaa
ati jettu yoo ilaalle Tigiree caalaa dhiphoon jiraa?
Dhiphummaan osoo oftulummaan hin jiraatin eessa dhufe?
Saba Oromoo akka jirutti dhiphoo dha jechuun akkamitti
danda’ama? ‘Nuti kan beeknu dhiphoon Oromoo osoo hin
taane Tigiree dha. Yeroo ammaa kana ammoo dhiphummaa
qofa osoo hin taane oftulummaa illee jalqabdanii jirtu.
Nutu waan hundaa beeka jettu. Sabni biraa doofaa dha
jettu. Joortuun keessan illee kanaan nutti boonaa jirti.’
jedhaniin.
Miseensoti
hoggana OPDO dhiphummaa Tigree oggaa Mallasiif ibsan:
a) Caasaa mootummaa keessaa bakka bu’aa qabduu fi furtuu
taate hundaa ilmaan Tigiraay qabsiiftanii jirtu. Kun
dhiphummaa mitii? b) nu duwwaatu amanamaa dha, bulchuus
nutu danda’a, sabni kaan cinaa dhaabbatee ilaalu qaba
yaada jedhu qabdu. Ilaalchi akkasii dhiphummaa mitii?
c) hoggana OPDO fi ummata Oromoo irraa amantaa waan
dhabdaniif ilma Tigraay Solomon Tesfaye nutti rammadanii
inni piresidaantii dhugaa ta’ee akka bulchu gootan.
Oromiyaa kan bulchu Caffee Oromiyaa osoo hin taanee
Solomon Tesfaye bakka bu’aa TPLF dha. Kun dhiphummaa
keessan hin agarsiisuu? d) Tigiraayin dagaagsina jettanii,
Tigiraay naannoo lolaan miidhamte jettanii qabeenyaa
ummatootaa saamtanii achi dabarsuun keessan dhiphummaa
mitii? e) Nama gochaa keessan isin irratti baree maaliif
akkas gootu jedhee dubbatu ajjeessuu, hidhuu fi ukkaamsuun
keessan, maqaa dhipho jedhu namatti maxxansuun akka
barbaaddan miidhuun dhiphummaa keessan mitii? f) Nama
waan isin gootan hubatee maaliif akkas ta’a jedhee isin
gaafate kun ABO jettanii jimlaatti hidhuu fi ajjeessuun
keessan dhiphummaa mitii? g) Nama dhalootaan Tigiraay
ta’eef liqii baankii, investment fi hayyama daldalaa
kennuun warra kaan dhorkachuun dhiphummaa mitii? Karaa
hundaan nama dhalootaan Tigiraay ta’eef dursa kennun
kaan gad qabuun dhiphummaa dha ittiin jedhan.
Dinagdee
biyyichaa akka jirutti kan qabatee jiru Wayyaanee fi
ilmaan Tigiraay ta’uu ni wallaalle isinitti fakkaata.
Wayyaanee duwwaan dhaabbata daldalaa 20 ol akka qabu
ni beekna. Kanatti dabalee daangaa Keeniyaa Moyyaalee
haga Maqaleetti, daangaa Jibuutii kaasee Finfinnee bira
dabree haga Sudaanitti meeshaa daldalaa qaraxa malee
kan humna waraanaan ajjabamanii kontirobaandii nagadaa
jiran ilmaan Tigiraay duwwaa akka ta’an ni wallaalle
isinitti fakkaataa?
Ummata
Oromoo fi saboota ollaa jiran gidduutti nagaan akka
hin buune akka gochaa turtan ni beekna. Lafa Oromoo
murtanii naannoolee gara biraaf kennuun akka waldhabbiin
uumamu godhaa akka turtan kan wallaalle isinitti fakkaataa?
Fakkeenyyaaf Oromiyaa fi naannoo Somalee gidduu waa’ee
daangaa irraatti waldhabbii jiru karaa nagaa furuun
osoo danda’amuu isin garuu akka hin furamne gootan.
Kana waan hin beekne isinitti fakkaata.
Naannoon
Tigiraay lolaan hubame jechuun waan hundaa gara sanatti
dabarsaa akka jirtan ni wallaalle seetanii? Fakkeenyaaf
humna ibsaa Finca’aa bahu osoo kutaaleen naannoo jiran
hin argatin Tigiraayf geessuun keessan dhiphummaa keessan
tolchee agarsiisa. Akkanumas tajaajila telefoonaa naannoo
Tigiraay dursa kennuun har’a Tigiraay satelite telephone
yeroo argattu naannoolee kaan maal argatan? Kun eenyuuf
akka hojjattan fi yaaddan nuu mirkaneessa.
Finfinnee
keessaa kan baane waan isin nurraa fudhattanii osoo
hin taane Finfinnee keessatti bakka waajjira itti ijaarrannu
gaafannee waan nu dhorkattaniif malee isin nu hin baafne.
Har’as ta’u bor Finfinneen kan Oromoo ti. Mirgi Oromoon
Finfinnee keessatti qabu tikfamuu qaba.
Baajata
ilaalchisee loogii guddaa isin gootan ni beekna. Tigiraayif
baajatni guddaan yeroo ramadamu kan Oromiyaa ammoo isheen
ramadamte illee yeroodhaan nu hin geessu. Akka hojii
irra hin olle gufuu adda addaa keessanii dhuma bara
baajataa irratti dhimma itti bahuu dadhabdan jettanii
akka Tigiraayitti dabarsitan ni beekna. Baajata keenya
garii akka hiitan ni beekna. Waan sagantaan qabame hojii
irra oolchuuf yeroo caal-baasiin nurraa tura. Kun hundi
akka nuti naannoo keenya hin guddifneef kan godhamuu
dha.
Solomoon
Tesfaayee akka Oromiyaa bulchuuf nutti ramaddan irraa
siyaasaa keessan hedduu barre. Duraan dhugumaan waan
wal qixxummaa sabootaaf dhaabbattan nutti fakkaata ture.
Amma garuu maalummaa keessan tolchinee hubannee jirra.
Oromoo
akka isin hin amanne kan itti hubanne keessaa tokko
waardiyaa Kumaaf ramaddan irraa ti. Kumaan dhugumaan
ilma Oromoo yoo ta’e Oromoo keessaa ilmaan amanamoo
kan isa waardiyeessuu danda’an dhabamaniiti moo isin
maaliif waardiyaa isaa Tigiroota gootan? Oromoo irra
Kumaaf amanamaan Tigiree jechuu dhaa?
Walummaa
galatti hogganooti OPDO waan bara kudhaniif garaa isaan
gubaa ture of keessaa baasanii hafuura fudhatan jechuu
dandeenya. Oggaa walgahii irratti namni tokko qabxii
jabduu kaasee Mallasiin gaafatu miseensoti mana keessa
jiran "Uffee! Ishoo! Akkas malee!" jedhanii hafuura
dheeraa baafachuun qabanneeffataa akka turan odeessi
nu gahe niibsa.
Deebii
Mallas
Mallas
gaaffiilee fi yaadota dhihaataniif guyyaa lamaan cal’isee
dhaggeeffataa turee dhuma irratti deebii kennuu eegale.
"Akkuma jettan dhiphummaan ni jira, hin jiru jechuu
hin dandeenyu. Maqaa Tigiraayiin kophaatti wal gurmeessuunis
tureera. Maqaa Tigiraayin walii yaaduu fi wal fayyaduunis
tureera. Ummata biraa irraa adda of baafnee of ilaalunis
tureera." jedhe. Rakkoo kana keessaa akka qulqulluu
ta’eetti of dhiheessuuf yaalii godheen kana hundaa gartuu
fottoqee bahetu raawwate jechuu barbaade. Waan hin fakkaanne.
Beekumsa isaan alatti, ajaja isaan alatti, wal marii
isaatiin alatti kan dalagame tokko illee akka hin jirre
ummatni ni beeka. Mallas akkas haasa’uun namooti jajjabaatanii
caalaatti itti fufanii akka dubbatan gochuun eenyu maal
akka dubbatu adda baafatee bor billaan isaan muruuf
ta’uu ni mala. Kunis ta’u sun hogganooti OPDO waan seena
qabeessa hojjataa akka jiranitti hubatama. Dhugaa dubbatanii
bakka namatti dhi’e buluu wayya kan jedhamus kanumaaf
mitiiree?
Hogganoota
OPDO keessaa kan yaada Mallas gargaaran Kumaa Dammaqsaa
Tigirticha afaan Oromoo beeku kan yeroo ammaa dura taa’ummaa
OPDO Mallas irraa fudhate, kan Mallas cinaa taa’ee yeroo
Mallas bishaan Amboo burcuqqoo keessaa fixu itti guutuu
dirqama fudhatee fi miseensota lama duwwaa dha. Isaanis
Girmaa Birruu fi Ali Abdoo dha. Kumaan gaaffiilee mana
keessatii ka’anii fi waan Mallas haasa’e irraatti yeroo
yaada isaa kennatu "ummatni Tigiree dhiphoo dha jennee
qabsaa’ota hedduu achi keessaa bahan akka hin dhabne
of eeggachuu qabna" jedhe. Yaa qaanii! Namtichi Oromoo
akka Tigireef dhimmuu isaatiin ifa baafate. Mallas kan
inni itti of mi’eessuuf akkas dubbate illee haasawa
Kumaa kana harkaa hin fuune. Girmaa Birruu ammoo Oromummaa
isaa lagatee " dhiphummaan Oromoo bira ni jira, nuti
Itophiyaawii dha" jedhee yaada isaa kennate. Girmaan
maqaa Oromoo golgatee eenyummaa isaa dhoksaa ture har’a
ifa baafate jechuu dha.
Mallas
nama haxxee ta’uu deebii innii hogganoota OPDOf kenne
irraa hubachuun ni danda’ama. Waan hogganooti OPDO dhiheessan
kan fudhate fakkaatee Mallas deebi’ee isaan yakkuutti
ka’e. "Isin dirqama keessan bahuu hin dandeenye. Nama
ofitti qabuu hin dandeessan. Namni barate isin hin jaallatu.
Barataan Oromoo hundi ABO dha. Kunoo nama (miseensa)
dhabdanii iddoo ittigaafatamummaa irratti ABO muudan
mitii?" jedhee aarii fi dheekkamsaan dubbate. Eenyuuf
akka akeekkate garuu hubachuu hin Waan Mallas jedhe
kana eenyu illee akka hin amanne beekamaa dha.OPDOn
akka jibbamtu kan godhe eenyu ta’eeti?
Gaaffiilee
Walgahiin
OPDO kun itti bahiinsi isaa maal ta’inna? Xumurri walgahii
kanaa maal ta’a? Oromoon waan deemaa jiru kana akkamitti
ilaala? Mallas hogganoota OPDO kana gargar baasee deebisee
isaan wal irratti duulchisinnaa? Hogganooti OPDO kun
akkuma amma jabaatanii dura dhaabbataa jiranitti itti
fufu moo of duuba deebi’u laata? Haala amma deemaa jiru
irraa waanti tokko beekamee jira. Kunis Oromoon eessa
iyyuu haa jiraatuu yaadaan walitti dhihaataa jira. Oromoon
waan saba isaa miidhu tole jedhee bira dabraa akka hin
jirre mirkanaawaa jira. Walumaa galatti kan beekamaa
jiru ammaan boodatti Oromoo akka duraanitti bituun hin
danda’amu.
|