Search this site for:
Oromo Related Web Sites
 
Other Links
Sidama Liberation Front
Sidama Concern
Ogaden Online
International News Stand
BBC News Africa
Daily Nation
IRIN News
VisAfric
Washington Post
New York Times
Back to Home | News | Articles | Oromia Briefs | News Archive | Feedback
 

03/29/04
03/22/04
03/15/04
03/11/04
03/08/04
03/01/04
02/23/04
02/19/04
02/16/04
02/12/04
02/09/04
02/05/04
02/02/04
01/29/04

01/26/04
01/22/04
01/19/04
01/12/04
01/05/04
01/01/04 12/29/03
12/25/03
12/22/03
12/18/03
12/15/03
12/11/03
12/08/03
12/04/03
12/01/03
11/27/03
11/24/03
11/17/03

 


Dhaamsa Dhaggeeffatootaa

Qindeessitoota RSQBO,

Akkam jirtu? Fayyaa keessanii? Anis ta'ee ilmaan oromoo kan oromiyaa keessa jiran hundinuu gidiraa mootummaa wayyaaneen nurra gahurraa kan hafe waaqaaf haagalatuu nagaya qabna.

Qindeessitootaa,

1ffaa Gaaffi fi deebiin isin Dr. Mokria Bulchaa waliin gootan kan baay'ee nama gammachiisuu fi nama jajjabeessu waanta'eef galatoomaa isiiniin jedha. Akasumas fuuladuraafis beektota oromoo kanneen biroo afeeruudhaan yoo haasofsiistan baay'ee gaariidha.

2ffaa Waa'ee qabeenya Oromiyaa ilaalchisee qophin bal'aan isin dhiyeessitan baay'ee nagammachiseera. Kanaafis qophi keessan waliin deemti jedhee waan yaadeef walaloo gabaabduu mata-dureen ishee "Oromiyaa Jiituu" jettu kunoo isinii ergeeraa. Yoo madaallii teessan kaaste gurra dhaggeeffattootaatin naagayaa.

Oromiyaa Jiituu

Oromiyaa jechuun jiidhaa
Kan uumaan badhaadhaa
harmee dammaaf dhadhaa Yoomuu si jaaladhaa Si walaboomfachuuf oliif gadi kaadhaa waa heddutu nu eeggataa oromoo jabaadhaa(x2) Waan baay'ee miidhagaa haadha maddeen lagaa Teessuma lafaas qabdaa kan baddaa fi lagaa Dacheen kee magariisaa uffate baala fi margaa Olis deemu gadis achis deemu dalga Achis laalu asis magarisuma argaa(x2) Kan sanyii midhaanii hedduu biqilichituu bunaa fi warqee kee kan addunyaan beektuu Bineensonni hundi kan keessa qubatu Oromiyaadha jiituun waa hundaaf tan taatu(x2) Mee maqaa sii dhayaa bineensa daggalaa Goljaa fi booyyee gadamsaa fi saalaa Qeerransaa fi leencaa. Arbaa fi Jeedalaa Bosonuu fi weennii Qamaleefi Niyaalaa Kan biraatis jiruu kan waraabessaf jaldeessaa Asirratti dhaabaa yeroo nadaangessaa (x2) Injifannoon Ummata Oromoof !

Nagaa

Nagaan waan waaqayoo isinf habaayatuu, akkam jirtuu. Sagantaa keessan dhaggeeffadhe baayee gammade. Nama mirqaansisaa. Jabaadhaa, itti fufaan isiniin jedha. Qabsoon bilisummaa oromoo ha finiinu. Dhugaan dhugaa dha. Dhugaan immoo yeroo qabdi. Yeroo ammoo qabisootuu fidaa. Hin nuffinu, ni nuffisiina male. Qabsoos nuffinee dantaa ofiif hin gawwominu.Hin gannus. kanaaf, jabaadhaa, jabaadhaan jedha.

USA Irraa

Sagantaa Boonsaa dha!

Hello, Qophesitoota Qophii RSQBO

Sagantaan isiin egaltaan kun hedduu nama gammachiisa. Jabaadha!

Sabni keenya qophii kana irraa akka baroomsa guddaa argatu beekamaa dha. Kanafu akka daansa jirutu jabaadha. Waaqayyo isiin haa ebbiiisu! Sagantaa baroomsa kana irraat dabaaluun yoo isiin danda'ame anga tokko mee Ummata keenyaaf Yaada dogogorsitoota kan ta'e saba keenya fakkaachuun namoota saba keenya dogogorsa jiraan mee sagalee kanaan saba keenya biraan ga'a!! Namootni tokko tokkoo kaayyoo ba'aniif irraanfachuun ofiifiis dogogoruun saba keenya dogogorsa jiru mee eega namoota akkaas kana anga danda'amet saxiil baasuu yaala! Kan wan ba'eef dagate bakkaa galii ga'uu hin danda'u. Si'a tokko Bilisummaa, si'a bira Immoo Itiyophiyummaa jechuun sagantaa faallaa qabatan. Ofiis dogogorsuun saba keenyaas dogogorsa jiru. Kan ofii dogogoree nama dogogorsa. Kanafu sabni keenya damqiinsa ciimaan dogogorsitoota kana irraa akka of eegachu qaban mee sagantaa kana irraat dabaluun Ummata keenya hubachiisaa! Mammaakiisa Oromoo "Daandiin Jaldeessa Ayyaallaa nama geessa". Yaa saba keenya, daandii Jaldeessaa irraa Of eeggadhaa!! Warra saba isaanii irraat duulaaniif immoo mee mammaaksaa kana ilaala!! "Sa'a (Saawa), Loon Abbaan gaafa cabse Ollaan ija buruksa". Mee jabbaannee diina irraat haa dulluu! Faallaa of keessaa haa balleessiinu! Dhabbiin kaayyoo hin qabne saba isa Bilisa baasuu hin dandaa'u! warrii gageesitoota Jarmiyoota Oromoo ta'aan maarti saba isaaniif faakkenya kan ta'an kan akkaa The Former South African President Nelson Mandela, kan akka Dr. Martin LutherKing, kan akka Gandhi ta'u qabu. Kana ta'u baannaan saba ofii bilisa baasuun abjuu ta'e hafa kanafu mee seenaa gaarii haa hojjaannu !!

Tokkummaan Humna !!

IUOF!!

USA Irraa

Qopheessitoota RSQBO,

Raadiyoon SQBO nannoo kaaba Ithiophiyaa keessatti akka gaarii dhaga'amaa jira. Jalqabaaf hedduu gaarii dha. Gara fuuladuratti muuziqaa Raadiyoon SQBO ittiin eegalu, kan ummata hawwatu danda'u kan biroon osoo qophaa'ee. Wayta saganta keessan xumurtan sirnaan sagantan keessan xumuramu isaa beeksiftanii nagaa dhaamatanii akka saganta keessan gudunfuun danda'amuttii yroo keessan qindefatanii dhageeffatoota Raadiyoo keessanii guddoo akka gammachisu hubadhaa.

Har'aaf hanganuman qaba.

Jabaadhaa!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

Kaaba Oromiyaa Irraa

Kabajamtoota qopheeyssitoota RSQBO,

Hojjaan calqabddan kan hedduu nama boonsu fi kan deeggeramuu qabu. Karaan saba keenya, keessattu qotee-bulaa itti dhaqqabuun dandayamu raadiyoo qofa. Dhaqqabuu fi waa'ee qabsoo itti lallabuu qofa osoo hin taane, akkuma calqabddan kana waa'ee fayyaallee barsiisuun hedduu feesisa - caalaatti itti fufaa! Ammoo waanni dhaammadhu tokko, beekaa ha ta'u osoo hin beekin saba keenya biyya jiran akka hin gaagaane uf eeggadhaa. Kanneen ganda akkasii ABO deeggeru, kanneen kutaa akkasii maallaqa buusanii ABOf ergan jedhanii lallabuu irraa uf qusadhaa. Nagaan saba keenyaa yeroo mara yaaddoo keeyssan isa calqabaa ha ta'u. Raadiyoon keessan odeeffannoo diina fayyadu akka hin dabarsine uf eeggannoo akka isin irraa hin hanqanne dhaamsa kiyya. Jabaadhaa!

Ugaandaa Irraa

Nagaan koo isiin haa qaqqabu!

Attam jirtan qopheessitoota qophii (RSQBO)?

Ani jiraataa magaalaa [magaalaan ni haqame] USA ti. ... daandii yaaduma haganaa ittiin keenu argachuu kootiin guddaa isaa gammachuun natti dhaga'amee jira. Ilmaan oromoo biyyaa banee biyyaa ambaa irrati hin haafnu. Akkaa baqqataan biyyaa Iraakii bilisa bahee ilmaan oromootillee dachee keeny irraati deebi'uuf bakka jiruti harkaa wal-haaqabannu.

Qabisoon kan ilmaan oroomoti.

USA irraa

Galatoomaa!

Wanta bira kan jedhu hin qabu; garuu qophiin kessan hedduu gaarii dha. Barumsa hedduu namaf ibsa. Itti fufaa. Seenaa biyya ofii beekuun hedduu barbaachisa. Barumsa fi gorsa keasan itti fufaa!

Galatoomaa!

USA irraa

Nagayaa?

Harkka fuune, qopheessitoota sagantaa RSQBO. Akkam jirtu, fayyaa keessanii? Ani garuu karaa gama kiyaa fayyaan qaba.

E-mailii siniif erguun koo hissa jalqabaa yoo ta'e llee, sagantaa keessan caqasuu ergan jalqabee bubbuleen jira. Sagantaan keessan baay'ee gaarii dha. Akkasuma ciminaan itti fufaan isiniin jedha. Ka biroommoo waantin isintti dhaammachuu barbaadu, walaloo torbban dabre dhiyeessitan sana (Qoteebulaa) duraan dursee qopheesaa walaloosanaan galatoom jedha. .Itti aansee yoo waan isiniif danda'amu ta'e, akka irra naadeebitanan kabajaan isin gaafadha. Yoo isiniif danda'amee walaloo sana karaa E-mail naaf ergtanis na gammachiisa .

Hundaafuu galatoomaa, nagaatt.

Dhageefatuu keesan

Auropaa iraa

I am proud of you!

As this programme is one step for-ward to Victory of oromo People, it is upsetting & Bitter for those Ethiopians ... As long as we remain under Colonization, please continue teaching our people the Truth ... to unite and to support OLF all the way till victory.

Victory to Oromo People.

Korea irraa

Radio program

Attam jirtuu isiini warra RSQBO. Maqaan koo [maqaan ni haqame], ... U.S.A keesan jiraadha.... I am 20 years old and a college student at ... university... I listen to RSQBO whenever the chance permits me to and I think it is a very good radio program. I was born here in the US and have never seen my motherland, Oromia. Despite this, I am interested in my oromumma and contributing my life to the cause of Oromo. I would like to write a piece on being an oromo youth and what that means as far as preparing to carry on the struggle which our fathers and mothers have done. ...

USA irraa

Jabaadhaa! Jabaadhaa!

Kabajamtoota qopheeysitoota SQBO,

Qophiin dabarsaa jirtan tan ummata Oromo hin dogoggorsine, tan fedhii fii hawwii isaa calaqiftu waan taateef itti jabaadhaa. Adeemsi keeysan qulqulluudha.Gar-lamummaan irraa hin calaqisu. Gar-lamummaan ummatatti yo dhihaatan ummaanni hammamillee turu namarraatti dhaqqaba. Dandii akkasii irra godaanuun suutuma suutaan, dhawaatumaan ummata biratti abdii nama dhoorkiti. Nama laamsheeysitee, dhabamatti nama geeysiti. Kanaaf, Dandii mamaa irraa ummata keenya tiysaa. Kan bilisummaa irraa abdannu saba Oromooti. Humna birooti miti. Sabni Oromo ammoo abbaa Bilisummaa tahuuf ijaaramuun barbaachisaadha. Ijaaramuuf ammo haala itti ijaaraman sanirratti odeeysa gayaa qabaachuun barbaachisaadha.

Karaa irra jirtani itti jabaadha.

Canada irraa

Greetings!

Hi RSQBO

This is [name deleted] writing you from Cape Town. Your program is very entertain[ing]. ... I would like to participate in your endevour where ever I can be of help. Here is my personal contact information.

South Africa irraa

Daandii Bilisummaa!

Duraan dursee nagaan koo bakka jirtaanitti issiin haa ga'u sab-boontoota Oromoo!

Hojatoota RSQBO kan tataan maarti nagaan waaqayyoo isiin wajjiin haa ta'u, jabadhaa! Qophiin keessan kun hedduu nama gammaachiissa!! Anga dandeessaanitti Jaarmiyoota Oromoo maaraaf wal-tajii ta'u yaalaa! Oduu Ummata keenya kakaasu, karoora waayyaaneen Ummata keenya irraat bafaatte Ummata keenyaaf ibsaa! Haala qabsoo keessatti meeshaan sab-qannaamtii hedduu barbaachiisaadha. Kuunoo jabiina fi arjoomna saba keenya irraa kan ka'e meeshaan sab-qannaamti kan saba keenya hundaaf bilisa ta'e banamee sabni keenya gammachuu guddaan Biyyaa halaa fi Biyyaa keessa namootni keenya jiraan akka daansaat dhageefacha jiru. Mee eega hojjaan keessaan guddiisee kan nama boonsuudha, itti jabadha! Oduu Biyyaa keessaa fi Biyyaa halaa wan sabni keenya barachu qabufi wan baroomsa ta'a jetaan gurraa Ummata keenyaan ga'a. Tokkummaan humna ta'u saba keenya beeksiisa! Saba tokkummaa cimaa qabu diinnii walakaa galu hin danda'u.

Tokkummaan humna !!

IUOF!!

USA irraa

Gammachuu Ummata Oromoof!

Qopheeysitoota Raadiyoo sagalee Bilisummaa Oromoo Duraan dursee Bakka ganna haarysaan isin gahe. Jaallewan taraa duraatiif Raadiyoo Sagalee Bilisummaa Oromoo tan ukkaamamtee Awwaalamte dhagahuun koo hedduu nagamachiise. Jabaadhaa itti fufaa ummanni Oromootiifii Miseensawan ABO isin faana jiranii. Raadiyoo kana qilleensarra jiraachisuuf Horii Barbaachisa. Tanaafuu, ummata Oromoo kanneen Biyya alaa jiraniif Internettii raattiis dabarsuun keeyssan gaarii natti fakkaata. Buusii gargaarsaas arkachuu dandeeyssu. Jabaadhaa!

Mee gaa ganni haareysi ganna gammachuu kan injifannoo kan milkii nuuf hatahu.

INJIFANNOON TAN UMMATA OROMOO TI.

USA irraa

Naagan isniif haabbayyatu!

Hojii keessaanitti jabaadhaa! Baayyee na gammachiisera. Saba orom0otti akkuma jalqaba keessan ee`nnumaasaa itti himaa! Gabrummaa jalaa bahuudhaaf qabsoo isaa tokkummaadhaan akka itti fufu itti naa himaa! Gabrummaa namatu fide malee Waaqayyoo biraa nuu hin laatamne. Kaanaafu, tokko taanee ka`udhaan ofirra haa darbannu. Bilisummaan Oromiyaa addunyaa irrati haa beekamu.

For personal contact here is my adress and name.

Far East irra.

Jabaadhaa, nutis isin faana jirra.

Sagantaan kun jalqabuu isatiif Ummata Oromoof fi Firoota keenya gammachuu guddatu nutti dhaga'ama! jabaadha, waaqayyo isiin wajjiin haa ta'u!! Olola diinaa irraa offi eeggadha! qabsoon saba keenya akka bakka ga'uuf sabni keenya Oduu Dhugaa irraat hunda'e argachuu qaba, kana immoo kan goochu danda'u sab-boontoota Oromoo warraa ta'aan kan rakkiinni saba isaan itti mul'dhataudha. Haaduu qaarraa lamaa baataan Ummata Bilisoomsun tasuma hin jiru. Kan saba Offiif yaadu, rakkoon saba isaa kan itti dhagayamu Bilisummaa saba isaa irraat hojaachuuf wanti gara booda isaa deebbiissu hin jiru. Eega tokkooffaan sagalee Ummata keenya wal-dhageessiisuun hedduu barbachiissadha kun immo ta'u kan danda'u karaa meeshaa wal-qannaamtit! jalqabni keessaan hedduu boonsaadha itti jabadhaa !! yoo isiini danda'ame yeroon utu itti idda'ame hedduu daansadha ( mishadha), (gaariidha), (barreedadha), (Shaggaadha) We are proud of our language because we have the richest language in the world! Thank you for your good work! I'm proud of you! Keep up the good work!!

IUOF !!

USA irraa

Aaga Dhaga'aa!

Yeroo dheeraaf jalqabamuu isaa oduu dhagahaa fi egaa kan turre RSQBO labsuu kana warra dhugoomsitaniif galata guddaa. Keessaa ammoo dhiheesitootni sagantaa qaroominnii isaan argisiisaa jiran, hojii nama boonsuu fi hamilee Oromoo kan jabeessu waan ta'eef jabaadhaa.

"Hammam geessii yoo tolee, yoo sawwi addii dhalee, yoo lammiin waliigalee"

Injifannoon kanauma keenya.

Ammaaf nagaan.

England irraa

Jabaadhaa!!!!!

Attam jirtu obboleewwan? Sagantaa keessan dhaggefadheen baa'ee gammade.

Hojii baredaadha, Jabaadhaa!!

Sweden irraa

Jabaadhaa!

Qophiin barmootaa ka isin dabarsitan hedduu nama gammachiisa. Fuuluma maraanuu sadarkaa ol'aanaatti laalama. Keessattuu, Afaan Oromoo qulqulluu heddummeessee gurratti namatti toluun dabarsitan.hedduu nagammachiise.

Fayyaa argadhaa, jabaadhaa.

USA irraa

No subject

Qophessitoota RSQBO, nagaa jirtu? Radiiyoo internetti iratti dhaggeefadheen ture. Bayyee bareedaa dha. Jabaadhaa! Waan isin gargaaru yoo jiraate teessoo armaa gadiin na qunnamaa.

Galatoomaa.

Canada irraa

 
 
 
 

Oromia Online is an independent Web site that does not endorse any single idea or represent any entity or group. Opinions published on this site are those of the authors and not necessarily those of Oromia Online nor Oromia Information Network. Links are provided to third party web sites solely for your convenience and not because we endorse the contents on those sites.

Copyright ©1998-2000
Oromia Information Network. All rights reserved.