Back to Home | News | Articles | Oromia Briefs | News Archive | Feedback


Bilisummaa Oromoof tokkumaan furmaata bira hin darbamne

Tumsa Kaayyoo Bilisummaa Oromoo (TKBO) irraa
Onkololeessa, 2005 

ABOn Oromoon godinaa hedduu keessatt faca'ee jiru bilismmaa saatiif walitt dhufuu qaba akeeka jedhurratt ijaarame.  Akka kanatt qabsaawota gidduutt tokkummaan uumamee sochiin qabsoo bilisummaa eegalame. Sochii kanaan Oromoo damqsuu fi akka ofbaru tolchuu,  akkasumas diina irraa faccisuutti wareegama guddaatu baafame. Sochii kana keessatti lubbuun ilmaan Oromoo akka margaa haamame lakkaawwamee hin dhumu. Oromoo keessaa kan  angafootii fi hiriyyooti isaa/ishee itti hin dhabamin jira hin fakkaatu.  Kanaan Ilaalchi Oromoo ganda gandatti dangahame ture sun of ilaalaa tahuu dhisee sabaa laalaa tahe. Kan dur “ati maali?” yoo jedhanii gaafatan an Alaa, an Jarso, an Ituu, an Karrayy, an Raayitu, an Gadabo, an Limmu, an Kirstana, an Mosilima kkf jedhu “an Oromoo dha!" jechuu eegale. Ummati ballaan Oromiyaa bara kam caalaa wal yaaduu fi eenyummaa saa beeksifachuuf kutatee kahe. Wareegamin ummatin Oromoo gumaachee mootota lama - Hayila Sillaasee fi Dargii - finqilaachise. Garuu yeroo lachuu firotuma kanneen finqilfamaniitu haala wareegama Oromoon uumame kanatti dhimma bahe.

Ha ta’u malee, bu'aan sochii fi wareegama uummatni Oromoo base kanaan argame yaraa hin turre. Ummata seenaa tokko, afaan tokkoo, jireenya walirratt hirkataa fi biyya tokko qabu tahuusaa firris halagaanis akka beekuuf dirqisiise. Barumsi, bakka fedhii sabaa hin gahin malee, afaan saatiin gaggeeffama. Afaan Shaggar amma iyyuu didaa haa tahu malee, wajjiraalee fi gaaddisooti Oromiyaa keessa jiran hundi afaan saatiin itti dubbatu. Sun jalqabaaf waan "ishoo" jechisiisu ture. Booda garuu mucaan tokko dhalatee yoo osoo qaamaan hin guddatin achumatt hafe waan yaachisutu jira jechuu dha. Mirgi of bulchuu fi afaan ofiiin hojjechuu fi barachu, gaaffii yoo hin deebine hamaa caalaatt geesu waan taheef koloneeffatan deebii kenneef. Deebii sanaanis imaammati qubeen barreessuu fi daa’immi afaan seetiin barachuu hojii irra oole. Sunnis haala yeroo sana dhifamee ture laafiseeraf. Haalli ho'ee kahe tokko yoo qabanawe, deebi'ee o'uuf yeroo akka fudhatu beekamaa dha. Koloneeffattan, carraa sanaanis yeroo bitatee akka haala dhalachuu malu itt too'atu diriirfate. Kanaan bara kudha afuriif sagalee saba Oromoo ukkamsuu dandhe. Kanaan qabsoon bacancare. Hoogganooti ABO waldhuunfachaa fi kutannoo dhabuunis caalaa laashesse.

ABOn erga dhalate yeroo hedduu rakkini tokkummaa irraa muldhate. Miseensi hangi tokko murnaa fi abba tokkeen irraa ciccitanii turani. Kan ciccitanis dhaabota ittiin morman kan uummatan jiru. Kanaaf dhibdeen ala duwwaa osoo hin tahin keessaas waan dhalateef fulduratt adeemuun rakkoo ture. Dhibdee sana furuuf yaaliin tolfamaa ture osoo hin milkaawin hanga ijaarama ULFOtt dhufe.  Akeeki ULFO dhaaba Oromoo walabummaa qaban hunda dibaabee tokko jalatt fiduu dha.

Ha ta’u malee, ABOn dadhabbii jiru waliin maqaa ganama qabatee ka'ee fi kaayyoosaa gad hin dhiisin hanga tokko tureera. Sun hardhaa fi bor keessaa gara jabinaatti tarkaanfatinnaa jechuun abdiin eegamaa ture. Osoo abdiin kun bakka hin ga’in, diinni, kan ganna hedduuf yaalee dadhabe,  amma gara laafaa argatee keessa seenee dhaaba ofirratt hirkataa ture bankaasuu dandahe.  Tokkummaan dhaabota Oromoo tokkumaa dhaaba miseensa taheerraa gargar hin ilaalamu. ABOn shororkaa keessaatiin goolamuun hunda irratti calaqisuun hin oolu.

Rakkinni jiraachuun kan ala bahe, yeroo murni ABO Shanee Gumii jedhamu hamajaajii Oromoo waliin nagaan buusa jedhee imaammata harka kennachiisuu labse ture. Isatti aansee, halagaatt dudda gatatee qaama isarraa yaada addaa qabu irratt afaan qawwee deeffate. Tumsa alagaa irraa argateenis WBO bakka lamatt hiree wal rukuchiise. Sun hundumtuu tahee, murni itt duulamee fi Oromoon ala jiru hedduun “araara buusaa, tokkummaa malee gargar babahi eessaanuu nun gahu” jedhanii waamicha godhaniif. Kan kana godhaniifis  bilisummaa Oromoof tokkumaan furmaata bira hin darbamne ta’uu waan hubataniif ture. Murni alagatti dudda gatate garuu waamicha sanaaf gurra kennuu dide. Namooti shanacha dhaabbatanii araarsuu yaalanis ofirrummaa murna kanaa fi dadhabina shanachicha keessatt dhalateen osoo hin milkaawin hafe.

Kanneen adda baqaquu dhaabichaaf dhooftuu yk meeshaa tahan ammallee sabicha karaa bilisummaa irraa ceesisanii garbummaatt deebisuuf carraaqaa jiru. Kana tolchuuf, shakala kanaan dura laguu tahe,  Oromoo godinaa, ganda fi dhugeeffannoon gargar hiranii kopha kophaatti of duukaa buusuuf holola jabaa fi gargar mancaasaa hangana hin jedhamnetti bobbahaan. Gartuun kun daandii alagaan itti gargaaramu kan ‘addaan hirii garboomsii’ jedhu hordoofuun qaanii malee Oromoo gidduutti walhiruun akka babal’atu hojjetan. Hojii isaanii kanaaf ammo gorsaa fi deggeersa alagaa qabaachuun issaanii beekama dha.

Yeroof namoota ala jiran yartuu irratt milkii argataniiru taha. Ummati biyya jiru garuu rakkinni saa kan jedhame kana osoo hin tahin, halagaan dhiitamuu, dhukkubaa fi beelaan manca'uu, ijoolleen saa barumsa gahaa dhabuutu isa yaaddessaa jira. Gargar bahanii hafee walii galanii iyyuu gurmuu saa cimfachuun hagam rakkoo akka tahe qajeelchee beeka. Fedhiin saanii akka tokkumaa saanii cimfatanii, kutannoon, qabsoo walirraa hin cinnett bobbahan malee gargarummaa jiru afarsanii wal facaasuu miti. Oromoon bara kopha kophaa fincille, dhumuu malee, bu'aa akka hin argatin hubatee jira. Kopha-kophaa finciluun  akka daranuu fuuncaa itti jabeessu Oromoon tolchee beeka. Tokkummaan kayyoo tokko jalati erga hiriiree garuu ittis haa dhumu malee, mirga dur hin baraminiif ture hedduu barsiifatee, koloneeffatan akka fudhatu dirqisiisee jira. Kanaaf, bilisummaa Oromoof tokkumaan furmaata bira hin darbamne dha.

Sana jechuunis, tokkummaan kaayyoo nuti qabnu, kan yoomi illee dagatamuu hin qabne. Harka walqabannee qaanii keessaa of baasuuf jecha akka kanniisa mandheen issaa tuqameettii onnannee tuutaan diina ofirraa ittisu qabna. Oromoon tokkumaasaa dammaqee eeggate malee bilisummaa dharra’aa jirate hin argatu. Tokkumaa fi bilisummaa ummata keenyaaf jennee dura moora Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatt akka nagaan bu'u ha birmannu. Sunimmoo, kan bakka gahuu danda’u, yoo keettoo diinaa kan “galtan malee” jedhee nu xarfu irraa of qulqulleessine qofa. Qabsoo ganuun murna ABO tokkoo, ABO qofa osoo hin tahin, mooraa QBO hunda miidha.

Sabboonaa hundi kaayyoo saatiif ni tumsa!

Qabsoon itti fufa! Bilisummaan ni dhufa!

Tumsa Kaayyoo Bilisummaa Oromoo (TKBO), ykn Oromo Solidarity Movement (OSM) afaan Ingiliziin, garee mooraa QBO keessatti kanneen Oromiyaa walaba taate argamsiisuuf qabsaawaniif tumsuuf dhabbate. TKBO qunnamuuf tkbo@ittrue.com tuqaa.

Oromia Online is an independent Web site that does not endorse any single idea or represent any entity or group. Opinions published on this site are those of the authors and not necessarily those of Oromia Online nor Oromia Information Network. Links are provided to third party web sites solely for your convenience and not because we endorse the contents on those sites.

Copyright ©1998-2000
Oromia Information Network. All rights reserved.